Maqaa Abbaa kan
Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!
SEENSA
Kadhata jechuun harka Waaqayyoo irraa eebba gaafachuu jechuu dha. Karaa
kan birootiin immoo gatii kadhannaadhaan argamu jechuu dha. Kanaafis ragaan “Isa
kadhateef gatiin isaa isaaf laatama” jedha. Gabaabaatti kadhata jechuun Waaqayyo
wajjin haasa’u meeshaa wanna feene (barbaanne) tokko Waaqayyo biraa ittiin
argannu dha.
Kadhata yeroo mara osoo addaan hin kutiin kadhachuun akka nurra jiru;
addaan kutuun akka nurra hin jirre yeroo barsiisu Gooftaan fakkeenyaan akkas
jedhee isaanitti dubbate kunis Wangeela Luqaas boqonnaa 18 lakk. 1-14 irratti
isa barreeffame dha. Kadhannaadhaaf gaggeessaa keenya kan ta’e Gooftaan keenya
Iyyesuus Kiristoos iddoo tokkotti kadhannaa taasisee erga xumuree booda barattoota
(duukaa buutota) isaa kessaa tokko “Yaa Gooftaa Yohaannis barattoota isaa
akkuma kadhannaa barsiise; atis nuun nu barsiisi” isaan jedhe. Gooftaan keenyas
deebisee isinis yeroo kadhattan; “Yaa Abbaa keenyaa samii irra kan
jiraattu maqaan kee haa galateeffamu; mootummaan kee haa dhufu eeyyamni kee
samii irratti akkuma ta’e akkasumas lafa irratti haa ta’u kan nu ga’u soorata
keenya (biddeena keenya) har’a nuuf laadhu (kenni) kan nu yakkaniif yakka isaanii
akkuma dhiisnu yakka keenya nuuf dhiisi hamaa irraa nu oolchi malee qorumsatti
nu hin galchiin.” (Luq. 11: 1-4) jedhee isaan barsiise.
Kanaafuu kiristaana kan ta’e martinuu maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluutti
amanee qaamolee sadan waaqummaadhaan waaqa tokko jedhee yeroo mara kadhannaa
gara Uumaa isaatti dhiyeessuu qaba. Kadhannaan abboommii Waaqa biraa ajajame ta’uun isaa
kitaaba qulqulluu keessatti iddoo baay’eetti barreeffameera.
1ffaa - Gooftaan keenyaa fi Fayyisaan kenyaa Iyyesuus
Kiristoos “Qormaatatti akka hin seenneef
jabaadhaa kadhadhaa” jedheera. (Maat.26:41)
2ffaa – “Kan kadhattan mara akka argattaniitti taasisaa amanaa
isiniif raawwatama. Kadhannaadhaaf yeroo dhaabbattanus Abbaan keessan inni
samii gubbaa jiraatu ammoo cubbuu keessan akka isinii dhiisuuf eenyu illee kan
isin yakke yoo jiraate dhiifama godhaafi dhiifama gochuufii yoo diddan Abbaan
keessanis dhiifama isiniif hin godhu. (Maar. 11:24-26)
3ffaa – “Onneen keessan baay’ina dhugaatii fi machiin waa’ee
gaa’ilaa yaaduun akka hin dadhabne, guyyaan sunis akka tasaa akka isinitti
kiyyoo isinirraan ga’u egaa dhufuuf kan jiru kana mara jalaa miliquuf
ilma namaa (Kiristoos) dura dhaabbachuuf akka dandeessanitti yeroo kadhattanu
yeroo mara jabaadhaa. (Luq. 21:34-36)
4ffaa – “Dhuguma dhuguman isiniin jedha; Abbaan maqaa kootiin
kan isin kadhattanu mara isiniif laata (kenna) hanga yoonaatti maqaa kootiin
homaa hin kadhanne gammachuun keessan tasa gaarii akka ta’uuf kadhadhaa ni
fudhattu.” (Yoh. 16:24) Duukaa bu’ichi fi Qulqullichi Phaawuloosis “Osoo addaan
hin kutiin kadhadhaa” isan jedhe sanas hin dagatiin (1 Tasaloonqee 5:16)
Egaa gabaabaadhumatti seensa kadhannaaf akka ta’u yaadnee kan
barreessine kun kadhannaa isa guddaaf seensa akka ta’uuf yaadnee kadhannaa isa
guddaa irraa hir’isnee gabaabsuudhaan Afaan Gi’iiziitiin isa barreeffame mara amantoota
Afaan Gi’iizii fi Afaan Amaaraa hin beekneef Afaan Oromoo isa beekaniin yoo
kadhatan akkan isaan fayyadu ta’uu isaa yaaduun yeroo mara sa’aatiitiin
kadhachuu kan danda’an martinu akka ittiin kadhatanuuf sababa hojiitiin yeroo
yerootti kadhachuu namoota hin dandeenyeef sa’aatii mijataa guyyaa boqonnaa
akka ittiin kadhatanuuf yeroo gabaabaa keessatti dubbisamee kan dhumu
baay’atee kan hin quufamne kitaaba jaallatamaa waan ta’eef amantoonni martinuu
akka itti fayyadamanuuf kitaabni kun qophaa’eera.
Itti fufa...
Galanni Waaqayyoof akkasumas Haadhaa fi Giiftii keenya Maariyaamiif haa
ta’u Ameen!