Tuesday, August 7, 2012

KADHATA


   
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!
SEENSA
   Kadhata jechuun harka Waaqayyoo irraa eebba gaafachuu jechuu dha. Karaa kan birootiin immoo gatii kadhannaadhaan argamu jechuu dha. Kanaafis ragaan “Isa kadhateef gatiin isaa isaaf laatama” jedha. Gabaabaatti kadhata jechuun Waaqayyo wajjin haasa’u meeshaa wanna feene (barbaanne) tokko Waaqayyo biraa ittiin argannu dha. 
  Kadhata yeroo mara osoo addaan hin kutiin kadhachuun akka nurra jiru; addaan kutuun akka nurra hin jirre yeroo barsiisu Gooftaan fakkeenyaan akkas jedhee isaanitti dubbate kunis Wangeela Luqaas boqonnaa 18 lakk. 1-14 irratti isa barreeffame dha. Kadhannaadhaaf gaggeessaa keenya kan ta’e Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos iddoo tokkotti kadhannaa taasisee erga xumuree booda barattoota (duukaa buutota) isaa kessaa tokko “Yaa Gooftaa Yohaannis barattoota isaa akkuma kadhannaa barsiise; atis nuun nu barsiisi” isaan jedhe. Gooftaan keenyas deebisee isinis yeroo kadhattan; “Yaa Abbaa keenyaa samii irra kan jiraattu maqaan kee haa galateeffamu; mootummaan kee haa dhufu eeyyamni kee samii irratti akkuma ta’e akkasumas lafa irratti haa ta’u kan nu ga’u soorata keenya (biddeena keenya) har’a nuuf laadhu (kenni) kan nu yakkaniif yakka isaanii akkuma dhiisnu yakka keenya nuuf dhiisi hamaa irraa nu oolchi malee qorumsatti nu hin galchiin.” (Luq. 11: 1-4) jedhee isaan  barsiise. 
  Kanaafuu kiristaana kan ta’e martinuu maqaa Abbaa Ilmaa Afuura Qulqulluutti amanee qaamolee sadan waaqummaadhaan waaqa tokko jedhee yeroo mara kadhannaa gara Uumaa isaatti dhiyeessuu qaba. Kadhannaan abboommii Waaqa biraa ajajame ta’uun isaa kitaaba qulqulluu keessatti iddoo baay’eetti barreeffameera. 
1ffaa - Gooftaan keenyaa fi Fayyisaan kenyaa Iyyesuus Kiristoos  “Qormaatatti akka hin seenneef jabaadhaa kadhadhaa” jedheera. (Maat.26:41)
2ffaa – “Kan kadhattan mara akka argattaniitti taasisaa amanaa isiniif raawwatama. Kadhannaadhaaf yeroo dhaabbattanus Abbaan keessan inni samii gubbaa jiraatu ammoo cubbuu keessan akka isinii dhiisuuf eenyu illee kan isin yakke yoo jiraate dhiifama godhaafi dhiifama gochuufii yoo diddan Abbaan keessanis dhiifama isiniif hin godhu. (Maar. 11:24-26) 
3ffaa – “Onneen keessan baay’ina dhugaatii fi machiin waa’ee gaa’ilaa yaaduun akka hin dadhabne, guyyaan sunis akka tasaa akka isinitti kiyyoo isinirraan ga’u egaa dhufuuf kan jiru kana mara  jalaa miliquuf ilma namaa (Kiristoos) dura dhaabbachuuf akka dandeessanitti yeroo kadhattanu yeroo mara jabaadhaa. (Luq. 21:34-36)
4ffaa – “Dhuguma dhuguman isiniin jedha; Abbaan maqaa kootiin kan isin kadhattanu mara isiniif laata (kenna) hanga yoonaatti maqaa kootiin homaa hin kadhanne gammachuun keessan tasa gaarii akka ta’uuf kadhadhaa ni fudhattu.” (Yoh. 16:24) Duukaa bu’ichi fi Qulqullichi Phaawuloosis “Osoo addaan hin kutiin kadhadhaa” isan jedhe sanas hin dagatiin (1 Tasaloonqee 5:16)
  Egaa gabaabaadhumatti seensa kadhannaaf akka ta’u yaadnee kan barreessine kun kadhannaa isa guddaaf seensa akka ta’uuf yaadnee kadhannaa isa guddaa irraa hir’isnee gabaabsuudhaan Afaan Gi’iiziitiin isa barreeffame mara amantoota Afaan Gi’iizii fi Afaan Amaaraa hin beekneef Afaan Oromoo isa beekaniin yoo kadhatan akkan isaan fayyadu ta’uu isaa yaaduun yeroo mara sa’aatiitiin kadhachuu kan danda’an martinu akka ittiin kadhatanuuf sababa hojiitiin yeroo yerootti kadhachuu namoota hin dandeenyeef sa’aatii mijataa guyyaa boqonnaa akka ittiin kadhatanuuf yeroo gabaabaa keessatti  dubbisamee kan dhumu baay’atee kan hin quufamne kitaaba jaallatamaa waan ta’eef amantoonni martinuu akka itti fayyadamanuuf kitaabni kun qophaa’eera. 
Itti fufa...   
Galanni Waaqayyoof akkasumas Haadhaa fi Giiftii keenya Maariyaamiif haa ta’u Ameen!
( Qopheessaan: Nugusuu Alamuu)

4 comments:

  1. lbetkeresteyanachen endihu btleyay quanquawche ymiyasetmere wnedeme ayasatate bayegbagnme kalhiwotene yasmalene tsegawene yabezalehe

    ReplyDelete
  2. Good job Brathers

    ReplyDelete
  3. bayegbagnme kalhiwotene yasmalene tsegawene yabezalehe

    ReplyDelete
  4. Galatoomaa! Jecha lubbuu isin haa dhageessisu! Yaadamuun isaayyuu waan guddaa dha. Itti fufaa

    ReplyDelete

FeedBurner FeedCount