Showing posts with label Kadhannaa Barii. Show all posts
Showing posts with label Kadhannaa Barii. Show all posts

Tuesday, August 28, 2012

Kadhannaa Barii (Ganamaa)

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!

Faarfannaa Daawwit 5
Yaa Waaqayyoo kadhannaa koo dhaggeeffadhu,
Iyya koos hubadhu;
Jecha kadhannaa koos dhaggeeffadhu,
Yaa Mootii koo yaa Waaqa koo,
Maaloo gara keettan kadhannaa koo dhiyeessa hoo.
Bariidhaan sagalee koo dhagayi,
Bariidhaan durakeen dhaabbadha sin eeggadhas.
Ati Waaqa badii hin jaallanne dha hoo;
Warri hamaan si wajjin hin bulani.
Akkasumaan kan boonan ija kee dura hin dhaabbatanu,
Warra hamaa hojjetan mara ni jibbite.
Kan soba dubbatan hunda ni balleessita;
Isa dhiiga dhangalaasuu fi warra gowwomsoota ta’an Waaqayyo ni balaaleeffata.
Ani garuu baay’ina araara keetiin
Gara mana keettan ol-seena;
Siin si sodaachuudhaan gara mana-qulqullummaa
Keettan sagada (ugguma).
Yaa Waaqayyoo sababa diinoota kootiif tolaan na gaggeessi;
Karaa koo dura keetti sirreessi.
Afaan isaanii keessa dhugaan hin jiru,
Onneen isaaniis gatii hin qabu,
Qoonqoon isaanii akka awwaala banamaa dha;
Arraba isaaniitiin ni gowwomsu.
Yaa Waaqayyoo isaanitti murteessi maree isaaniitiinis haa kufani;
Waa’ee baay’ina hammeenya isaaniitiifis isaaniin godaansiisi (hari’i),
Isaanis si gaddisiisaniiru hoo.
Kan sitti amanan martinuu ni gammadu;
Bara baraanis ni gammadu, isaaniinis ni eegda.
Maqaa kee kan jaallatan martinuu siin boonu.
Ati isa qulqulluu ni eebbista hoo;
Yaa Waaqayyoo akka gaachanaa haboodhaan nu marsite.
Galanni Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf haa ta’u bara baraan Ameen!
Hallee Luyaa galanni Waaqayyoof, Hallee Luyaa yeroo maraa galanni Amaanu’eel Waaqa keenyaaf haa ta’u. Yaa Gooftaa koo Iyyesuus Kiristoos akkan icciitii baruuf kennaa kee naaf laadhu, hammeenya afuuroota hamaa hammeenya isaanii naaf ibsi, gargaarsa Afuura Qulqulluutiin kadhata kootiin yeroon si gaafadhu dura kootii isaan fageessi isaan qaaneessi; kunis araara keetiin naaf haa ta’u, naaf haa raawwatu.
Harmee koo hirkoo koo Giiftii koo dubroo Maariyaam abdiin koo siiyidha kennaa kee isa eebbifamaa amanachuun gara Ilma kee Iyyesuus Kiristoositti akka na haraarsitu sin kadhadha.
Haraarri Waaqummaa Ilma kee akka narraa adda hin baane yeroo mara naaf kadhadhu. Gargaarsi kees akka naa golboobu jaalalli kee akka naaf baay’atu naaf taasisi. Yaa jaallatamtuu gara laafeetti dubroo Maariyaam abdii koo haraarsummaa kee irran taasifadha. Yeroo yerootti eegumsi kee akka narraa adda hin baane ifni kennaa kee naaf haa ifu.
Yaa Waaqayyoo Waaqa moototaa addunyaan osoo hin uumamiin dura kan turte addunyaa dabarsitee bara baraan kan jiraattu Gooftaa uumama maraa aduu guyyaadhaaf ifa; halkan boqonnaa ilma namaatiif kan uumte yaa Waaqayyoo sin galateeffadha; ati halkanicha nagaadhaan dabarsitee gara jalqaba guyyaa kan ta’e ganama kanaan waan na geesseef sin galateeffadha; kadhannaa koo gara si isa Mootii addunyaa tottolchiteettin dhiyeeffadha. Dhugaa isa ta’e beekumsa ifa kee naaf dhiyeessi ibsaa laphee koo naaf ibsi ifni Waaqummaa kee laphee koo keessatti akka naaf ifuuf guyyaan jalqabe kana tolaa fi qulqullummaan akkasumas seera gaariidhaan xumuree gufuu malee jireenya koo akkan dabarsuuf na gargaari. Ati eebbifamaadha hoo kabaja, galata fi sagada Abbaa Ilma Afuura Qulqulluutiif nan dhiyeessa hanga bara baraatti Ameen!
Itti fufa...

FeedBurner FeedCount