Monday, October 8, 2012

Kadhata Sa’aatii Sadii


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!

Faaruu 129

Yaa Waaqayyoo ani qilee keessa ta’een si waammadhe.
Sagalee koo naaf dhagayi;
gurri kee sagalee kadhannaa kootii kan dhaga’u haata’u.
Yaa Waaqayyoo osoo ati cubbuu namaa sakattaatee eenyuutu dhaabbataa?
Garuu dhiifamni si bira jira.
Kanaaf sababa maqaa keef abdiin si godhadhe;
lubbuun koo seera keetiin obsite.
Sa’atii barii irraa eegalee hanga
halkaniitti lubbuun koo Waaqayyoon amane.
Waaqayyo biraa haraara
isa biras fayyina hedduutu jira.
Innis Isiraa’eeliin cubbuu isaa mara irraa isa fayyisa.
Abbaa Ilma Afuura Qulqulluuf galanni haa ta’u bara baraan Ameen!


Hallee luyaa galanni Waaqayyoof Hallee luyaa yeroo yerootti galanni Amaanu’eel Waaqa keenyaaf haata’u. Yaa Waaqa haraara Gooftaa hundumaa kennaa Afuura Qulqulluutiin kan yeroo kanatti akkan si galateeffadhuuf dura kee ijaajjee, yeroo eebbifamtuu kanatti kennaa Afuura Qulqulluu qulqulloota kan ta’an duuka bu’oota irratti akka abiddaa kan irratti roobsite
yeroo kanatti sin galateeffadha.


Nama kan jaal’attu yaa Waaqa koo ati kadhannaa koo naaf dhagayi cubbuu koo naaf barbadeessi kennaa Afuura Qulqulluus arjummaa keetiin naaf ergi gufuu fooniif lubbuu irraa na oolchi. Bara jireenya koo mara waaqeffannaa keetiif bitamee akkan jiraadhuuf ati naqopheessi. Gara ogummaa afuuraatiif jabinaatti yeroo hunda jireenya amalummaa kan ta’u Afuura Qulqulluu narra bulchi fedhii foon kootii qofa akkanhordofu nan taasiisin.

Hundaa kan bittu yaa Abbaa, Gooftaakeenya, Qorichakeenya, Waaqa keenya Iyyesuus Kiristoos arjummaa kee irraa kennaan barbaada. Nama kan jaal’attu Waaqa koo cubbamaa kanan ta’u kadhannaa ana garbicha keetii dhagayi kadhannaan koo dura keetti naaf haa dhiyaatu iyyi koos garakeetti.

Yaa Waaqakoo fi Gooftaa koo ani gara kettan abdadhe; kennaa Afuura Qulqulluu naaf kenni yaadi hamaanii fi cubbuun foonii fi afuura koo irraa akka fagaatuuf, bultoo Afuura Qulqulluu akkan ta’uuf; araraaf arjummaa kee akkan hawwuuf obsaa fi kasooma (gadi ofqabuu) naafkenni. Qormaata natti dhufu mara obsaaf galataan akkan simadhuuf bara jireenya koo mara ilmi kee Iyyesuus Kiristoos gidiraa inni fannoo irratti fudhate yaaduun akkan baadhu na taasisi. Eebba kee qulqulluu sana qaama kootti haguugi dhiifamaa fi araara dura ketti akkan argadhuuf Iyyesuus Kiristoos aboo waaqummaatiin qaama namummaatiin faaruu ergamootaatiin marfamee murtiif sa’aatii dhufutti warren itti murteeffamu wajjin akkani hin ifatamnee arjummaan kee naaf haa kennamu. Siif Ilma kee Kiristoosiif amalummaa jireenyakee Afuura Qulqulluuf kabajniif galanni bara hanga baraatti haata’u. Ameen!!
Itti fufa...   
Galanni Waaqayyoof akkasumas Haadhaa fi Giiftii keenya Maariyaamiif haa ta’u Ameen! 
( Qopheessaan: Nugusuu Alamuu)


No comments:

Post a Comment

FeedBurner FeedCount